Xiyyaarri Yuukreen Iiraan keessatti kufee caccabe

96

Finfinnee Mudde 29/2012 (TOI) - Xiyyaarri Yuukreen imaltoota 170 ol fe’ee magaalaa guddittii Iiraan Teehiraanii gara Keev imalaa ture kufee caccabuun miidhaa geessisuun isaa himame.  

Iiraan xiyyaarri Yuukreen Booying 737-800 rakkoo teeknikaa isa mudateen kufuu hin oolu jechuun  yaada laatteetti.  

Xiyyaaricha keessa namootni turan 176 hundi isaanii lubbuun darbanii jiru.  

Lubbuu baraartonni iddichatti ergamuun hojjechaa jiraachuun ibsameera.  

Sababni balaa kanaas qoratamaa jira jedhameera.

Maddi:- BBC, Aljeeziraa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015