Obbo Ahimad Shidee Kitaaba Faayinaanshiyaal Afriikaa Jedhamuun Ministeera Faayinaansii Bara Kanaa Jedhamuun Badhaafaman - ENA Afaan Oromoo
Obbo Ahimad Shidee Kitaaba Faayinaanshiyaal Afriikaa Jedhamuun Ministeera Faayinaansii Bara Kanaa Jedhamuun Badhaafaman
123
Finfinnee Mudde 10/2012 /TOI/ - Obbo Ahimad Shidee Kitaaba Faayinaanshiyaal Afriikaa jedhamuun Ministeera Faayinaansii bara kanaa ta'uun Badhaafaman.
Kitaabni Faayinaanshiyaal Afriikaa jedhamu kun biyya Faransaay magaalaa Paarisitti kan maxxanfamuu dha.
Sirna kaleessa biyya Kootdivaar magaalaa Abijaanitti adeemsifameen ministeerri maallaqaa Itiyoophiyaa obbo Ahimad Shideen nama Faayinaansii bara kanaa gochuun badhaaseera.
Badhaasa kanas biyya Kootdivaaritti Ergamaan addaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Mulugeetaa Zawudeen bakka bu'uun fudhataniiru.
Kitaabni kun waggaa waggaadhaan namoota Faayinaasii 100 oliif badhaasa kennuun beekama jechuun waajjirri Dubbii himaa ministeera dhimma alaa Itiyoophiyaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himeera.