Komishiniin Dhimmoota Daangaa Bulchiinsaa Fi Eenyummaa Kantiibaa Itti Aanaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Wliin Mari’ate

69

Mudde 08/2012 (TOI) – Komishiniin dhimmoota daangaa bulchiinsaa fi eenyummaa kantiibaa itti aanaa bulchiinsa magaala Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa waliin mari’ate.

Walitti qabaan komishinichaa Dr. Xaasoo Gabree fi walitti qabaa itti aanaan Ustaaz Abubakar Ahimad dabalatee miseensonni komishinichaa kanneen biroo marii kanarratti argamaniiru.

Marii kanaanis hojiiwwan gurguddoo komishinichi itti hundaa’e, hojiiwwan hojjetaman akkasumas deeggarsa bulchiinsa magaalaa Finfinneerraa taasifamuuf ilaalchisuun dubbataniiru.

Wayituma kana Injiinar Taakkalaa Uumaa akka jedhanitti bulchiinsi magaalaa Finfinnee hojii komishinichi hojjetu deeggaruuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Komishinichi erga hojiitti galee booda ኮሚሽኑ ወደ ስራ ከገባ በኋላ ከክnaannolee fi bulchiinsota magaalaa waliin marii taasisaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015