Wal-dhaggeeffachuu fi jaalala biyyaatin guddina Itiyoophiyaaf hojjechuuf carraa kanatti fayyadamuu qabna - Dooktar Abiyyi Ahimad

76

Finfinnee, Mudde 2/2012 (TOI) Wal-dhaggeeffachuu fi jaalala biyyaatin guddina Itiyoophiyaaf hojjechuuf carraa kanatti fayyadamuu qabna jechun muummeen ministraa Dooktar Abiyyi Ahimad dhaaman. .

Muummee ministiraa Dooktar Abiyyi kan kan jedhan sirna simannaa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti taasifameef irratti ibsa laataniini.

Badhaasni Noobeelii Nageenyaa maqaa gaarii Itiyoophiyaa addunyaatti muul'isuuf carraa guddaa fidee kan dhufe jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiyyi.  

Wal-dhaggeeffachuu fi jaalala biyyaatin guddina Itiyoophiyaaf hojjechuuf carraa kanatti fayyadamuu qabnas jedhaniiru.

Badhaasichi akka dhugoomu kan godhan ummata Itiyoophiyaa fi Eertiraa, preezidaant Isaayyaas Afawarqis galateeffataniiru.

Muummeen ministiraa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee yemmuu ga'an qondaaltonni mootummaa,abbootiin gadaa fi hawaasni gara garaa  simannaa taasisaniifiru.

Itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnanis simannicharratti Dooktar Abiyyi Ahimadiif abaaboo laataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015