Itiyoophiyaan Saatalaayitii Gara Hawaatti Erguufi

69

Sadaasa 12/2012 (TOI) – Itiyoophiyaan Mudde dhufu saatalaayitii gara Hawaatti erguuf akka ta’e ibsame.

Saatalaayitiin kiiloogiraama 72 ulfaattu kun Chaayinaatti kan hojjetamte yoo ta’u, eegumsa naannoo, qonnaa fi haala qilleensaa ilaalchisee odeeffannoo ni kenniti.

Mudde 7 bara 2012 Chaayinaa Beejiingirraa fageenya kiilooeetira 400 irraa kan furguggifamtu Saatalaayitiin Itiyoophiyaa kun lafarraa kiiloomeetira 700 fagaattee akka turtu beekameera.

Satalaayitiin kun guyyaa jedhametti ganama keessaa sa’aatii 12 fi daqiiqaa 21tti gara Hawaatti qajeelti.

Pirojektiin kun Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ministira Saayinsii fi teeknooloojii wayita turan bara 2008tti kan jalqabame ture.

“Seenaa teekinooloojii Itiyoophiyaa keessatti Boqonnaa murteessaa dha" kan jedhan ministirri Inniveeshinii fi Teekinooloojii Doktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaa biyyattiin teekinooloojii bituu qofa osoo hin ta’iin abbaa Teekinooloojii ta’uushee agarsiisa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015