Buna Biyya Alaatti Ergame Irraa Doolaarri Ameerikaa Miiliyoona 231 Ol Argame - ENA Afaan Oromoo
Buna Biyya Alaatti Ergame Irraa Doolaarri Ameerikaa Miiliyoona 231 Ol Argame
Adaamaa Onkoloolessa 29/2012 (TOI) – Kurmaana jalqabaa bara bajataa baranaa buna toonii kuma 80 ol gabaa alaaf dhihaaterraa galiin doolaara Ameerikaa miiliyoona 231 ol argamuusaa abbaan taayitaa Bunaa fi Shaayii beeksise.
Itti aanaan daarektara olaanaa abbaa taayitichaa obbo Muhaammad Shamsuu TOItti akka himanitti bara kana sadarkaa addunyaatti gatiin bunaa fooyya’ee waan argameef kurmaana jalqabaa bara bajataa kanatti karooraa ol buna dhiheessuun danda’ameera.
Bunni kunis biyyoota 67f akka dhihaate eeraniiru.
Kurmaana jalqabaa kanatti buna gabaa biyya alaaf dhiheessuuf kan karoorfame toonii kuma 78 fi 489 ture.
Galiin argame kan bara darbee wal fakkaataa waliin yemmuu walbiratti ilaalamu doolaara Ameerikaa miiliyoona 27 fi kuma 200n caalmaa akka qabu daarektarri kun beeksisaniiru.
Bara kana daldala bunaa biyya alaarraa doolaara Ameerikaa biiliyoona 1 ol argachuuf galma kaa’ame milkeessuuf gama waldaalee gamtaa fi Yuuniyeenotaatiin hojjetamaa akka jiru hubachiisaniiru.