Kurmaana Jalqabaa Bara Kanatti Hidha Haaromsaaf Birrii Miiliyoonni Dhibba 1 Fi Miiliyoona 68 Walitti Qabameera

96

Finfinnee Onkoloolessa 28/2012 (TOI)  - Kurmaana jalqabaa kanatti hidha Haaromsaaf birriin miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 68 walitti qabamuu isaa Manni Maree Hirmaannaa Ummataa Hidha Haaromsaa beeksiseera.  

Manni marichaa ibsa har’a laateen akka beeksisetti, erga ijaarsi hidhichaa eegalee hanga ammaatti Birrii biiliyoonni 13 ummata irraa walitti qabameera.   

Mana marichaatti Daayrektarri Komunikeeshinii obbo Haayilu Abrihaam akka jedhanitti ijaarsi hidha haaromsaa haala gaarii irratti argama.

Kurmaana bara bajataa kana keessammoo Birrii miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 68 fi kumni dhibba 9 fi kumni 53 sassaabbamuun ibsameera.

Hirmaanaan ummataa haaluma kannaan kan itti fuufu taannaan ji'a tokkoon birrii miiliyoona 100 ol walitti qabuun ni danda'ama jedhaniiru.    

Bara darbes birriin miiliyooni 970 walitti qabmuu isaa eeranii jiru.

Erga ijaarsi hidha haaromsaa kanaa eegalees birriin biiliyoonni 13 wallitti qabamuu isaa ibsaniiru.  

Bittaa boondiif lakkoofsi herreega baankii kumni 4 ol tureera.

Ijaarsi hidha haaromsaas dhibbeentaa 69 irra ga'uun isaa beekamee jira.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015