Obbo Gadduu Aandaargaachoo Ameerikaatti gargaaraa ministiraa dhimma Afriikaa Tiiboor Naash Waliin Mari'atan

60

Finfinnee Onkoloolessa 28/2012 (TOI) - Ministirri Ministeera Dhimma Alaa RDFI obbo Gadduu Aandaargaachoo, Ameerikaatti gargaaraa ministiraa dhimma Afriikaa Tiiboor Naash waliin mari'atan.

Obbo Gadduun marii Hidha Haaromsaa Waashiingitanitti gaggeeffameen cinaatti Tiiboor Naash waliin mari'ataniiru.

Marii kannanis Tiiboor akka jedhanitti Itiyoophiyaan nageenyi Afriikaa bahaatti akka dhufuuf hojii hojjechaa jirtu dinqisiifataniiru.

Jijjiirrama siyaasaa fi dinagdee Itiyoophiyaan taasisaa jirturratti tumsa Ameerikaan taasisturratti mari'ataniiru.

Tiiboor Naash, Ityoophiyaan naannichatti nagaa fi tasgabbii buusuuf ga'ee olaanaa taphachaa jiraachuu ibsaniiru.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015