Warqinaa Gabayyoo Barreessaa Olaanaa IGAD Tahuun Hojii Eegalan

96

Finfinnee Onkoloolessa 28/2012 (TOI) - Warqinaa Gabayyoo barreessaa olaanaa IGAD tahuun hojii eegalan.  

Ministira Haajaa Alaa Itioophiyaa kan turan Doktar Warqinaa Jaarmiyaa biyyoota Afriikaa Bahaa torba ofkeessaa qabu - IGADtti barreessaa olaanaa tahuun har'a hojii eegalu, angawaan olaanaa IGAD Nuur Mohaammad Sheek fuula Twiitar isaanii irratti barreesaniiru.

Doktar Worqinaa, barreessaa olaanaa dhaabbatichaa kaa turan Ambaasaaddar Maalim bakka bu'uuni hojii kana kan eegalan.  

Dura taa'aa dhaabichaa kan tahan Mummichi Ministraa Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad baatii dabre keessa ture aangawaa kana kan muudan.  

Ministira Hajaa Alaa Itioophiyaa kaa turan Doktar Warqinaa, ji'a Bitootessaa keessa Daarektara Olaanaa Waajjira Biyyoota Gamtoomanii Naayiroobii jiru ta'uun muudamanii turan.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015