Biyyoonni ollaa nagaa yoo ta'an qofa oomishaaleen alaa galan rakkoo malee Sochoofamuu danda'u

89

Finfinnee /TOI/ Onkololeesa 11/2012 Biyyoonni ollaa nagaa yoo ta'an qofa oomishaaleen biyya keenyaa alaa galan rakkoo malee sochoofamu danda'u jedhan muummeen ministraa Dooktar Abiyyi Ahimad.  

Biyyoota ollaa waliin hariiroo gaarii uumun, fayyadamtummaa Itiyoophiyaa kabachiisudhaafi kan jedhan muummee ministiraa, biyyoonni ollaa nagaa yoo ta'an qofa oomishaaleen biyya keenyaa alaa galan rakkoo malee sochoofamu jedhaniiru.  

Miidhaan biyyoota ollaa, miidhaa keenyas kan jedhan  muummeen ministraa, kunis Itiyoophiyaan karra galaanaa waan hin qabneef, biyyoonni ollaa karraa fi fooddaa Itiyoophiyaan addunyaa kaaniin ittiin wal qunnamtu waan ta'eef miidhaa fi nageenyi biyyoota ollaa nus ni ilaalatu jedhaniiru.  

“Isaan rakkoo keessa yoo jiraatan garuu, nutillee oomishaalee keenya alatti hin ergannu, alaallee gara biyyaa galfachuun qormaata ta'as jechun “himaniiru.    

Nageenya keessoorratti xiyyeeffachuu dhan, hariiroo biyyoota ollaa fi alaa kaanirrattis hojjechaa jirra jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015