Kitaaba Ida’amuu naannolee Biyyattii Addaddaatti Eebbifameera

885

Onkololeessa 8/2012(TOI) – Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimadiin kan barreeffame Kitaabni Idaamuu guyyaa har’aa naannolee biyyattii addaddaatti eebbifameera

Haaluma kanaan kitaabni kun naannolee Amaaraa Bahaardaar, naannoo kibbaa magaalaa Arbaamiincitti akkasumas naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kibba Lixaa magaalaa Walisootti, Gujiitti, Yuunivarsiitii Mattuutti, Godina Arsii Lixaa fi Magaalaa Shaashamanneetti walumaa gala godinoota hunda keessatti sirna ho”aan eebbifameera.

Sirna eebbaa kana irratti hoggantoonni olaanoo argamuudhaan qabiyyee kitaaba kanaa ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Kitaabni kun afaan Oromoo, Amaaraa fi Ingiliffaan kan barreeffame yoo ta’u miiliyoonni tokko maxxanfameera.