Preezdaantoonnii Biyyoota Afrikaa Garaa Garaa Erga Baga Gammaddanii Dabarsan

67

Fulbaana, /TOI/, 30/2012 Preezdaantiin Soomaaliyaa Mahaammad Abdullaahii Mahaammad, Preezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa, Dura taa'aan Koomiishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faqii Mahaammat muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad badhaasa Noobeelii nageenyaa 2019 injifachuu isaanitiin ergaa baga gammaddanii dabarsan.

Preezidaant Mahaammad Abdullaahii Mahaammad badhaasichi isaanif ta'a; hariiroo naannichaa cimsuuf isaan waliin hojjechuu kiyyatti baay'en gammada jedhaniiru.  

Preezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan, muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiin baga gammaddan jedhan.

Pireezdaantichi Dooktar Abiy Ahimad badhaasa Noobeelii 2019 injifachuu isaanitiin baga gammaddan jedhaniiniru.

Dura taa'aan Koomiishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faqii Mahaammat muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad badhaasa Noobeelii nageenyaa 2012 injifachuu isaanitiin ergaa baga gammaddanii dabarsan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015