Ayyaanni Irreechaa Bal'inaan Beeksifamuu Akka Qabu Lammiileen Biyya Alaa Himan

45

Fulbaana 25/2012 - Lammiileen biyya alaa Ayyaana Irreechaa irratti hirmaatan ayyaanni guddaan kun bal'inaan beeksifamuu akka qabu himan.

Ayyaanni Uummata guddaa namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman baayyinaan irratti argaman kun hambaa addunyaa ta'ee galmaa'uu akka qabu dubbataniiru.

Yeroo gara biyya isaaniitti deebi'an ayyaana Irreechaa kana beeksisuun hawata tuurzimii akka ta'uuf kan hojjetan ta'uus himaniiru.

Aadaa kana beeksisuuf lammiilee Oromoo ala jiran irraa hojii guddaan akka eegamu dubbataniiru jechuun OBN tu gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015