Agarsiisaa Fi Baazaariin Irreechaa Ifaan Baname

176

Finfinnee Fulbaana 19/2011 /TOI/ -Agarsiisa fi baazaariin Irreechaa giddugala egzibisihiniitti bakka Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdisaa fi Ministirri ministeera Aadaa fi Turizimii Doktara Hirut Kaasaa argamanitti ifaan banamee jira.

Sirna Baniinsaa kanarratti haasaa kan taasisan Pirezidaantiin Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa baazaarii fi agarsiisni guyyaa har’aa baname Irreechi jaalala, tokkummaa fi nageenyaa ta’uusaa kan Itti agarsiisnu ta’uu qaba jedhaniiru.

Irreecha jaarraa tokkoo fi walakkaa addaan cite sababeeffachuun agarsiisaa fi baazaariin kun qophaa’uun isaa fi Irreecha Hora Arsadee fi irreechi Hora Finfinnee kabajuuf deemnu irratti namoonni miiliyoonaan lakkaa’aman irreeffachuun isaanii qabsoo fi injifannoo ummata Oromoo sadarkaa irra qaqqabe kan agaarsiisudha.  

Irreecha mallattoo tokkummaa keenyaa ta’e yoo kabajnus aadaa fi duudhaa keenya Addunyaaf karaa beeksisuun akka ta’uu qabu Obbo Shimallis dhaamanii jiru.

Milkaa’ina baazaarii guyyaa har’aa baname fi Irreecha Hora Finfinneefi Irreecha Hora Arsadee qarree fi qeerroon ummanni hundi gaheesaa akka bahus dhaamanii jiru.

Ministirri ministeera Aadaa fi Turizimii Doktar Hirut Kaasaa gamasaaniitiin Aadaa fi Duudhaa Irreechaa dagaagsuuf agarsiisnii fi baazaarii Irreechaa sababeeffachuun qophaa’e kun duudhaa fi aadaa Irreechi qabu ummata biraa qaqqabsiisuuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru.

Bakka Addunyaan qaqqabe qaqqabuuf Aadaa fi duudhaa keenya kunuunsuun ta’uu akka qabu himanii jiru.

Dhaloonni kunis Aadaa fi duudhaa isaa kunuunsuun bakka Addunyaan qaqqabde qaqqabuuf hojjechuu akka qabu Dr Hirut dhaamanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015