Dooniin Goodantoota 50 ol Fe'ee Imalaa Ture Naannoo Qarqara Libiyaatti Gargale –Mootummoota Gamtooman

81

Fulbaana 19/2011 /TOI/ - Dooniin godaantota 50 ol fe'ee imalaa ture naannoo qarqara galaanaa Libiyaatti garagaluu isaa mootummoonni gamtooman beeksise.  

Dooniin kun godantoota gara ardii Awuroophaa imalan fe'ee ture jedhameera.

Balaan kun iddoon itti qaqqabe ifaan kan hin beekamne ta'uunis ibsamee jira.

Goodantotni Ardii Afriikaa irraa gara Ardii biraatti imalan dabalaa dhufuun isaanii rakkoon kun akka bayy'atuuf sababa ta'ee jiras jedhameera.

Godaantotni kumaatamaan lakkaa'aman mana hidhaa biyya Liibiyaatti argamuun isaaniis kan beekamu dha jechuun kan gabaase " CGTN Afrikaa" dha. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015