Ummanni Ayyaana Irreechaa Bara Kana Kabajamuuf Gamanumaa Qophii Taasisuu Qaba

135

Qaammee 05/2011 /TOI/ - Ummanni ayyaana Irreechaa bara kana kabajamuuf gamanumaa qophii taasisuu qaba jedhe komishiniin poolisii Oromiyaa.   

Ayyaanni  Irreechaa Finfinnee jaarraa tokkoo fi walakkaa addaan citee ture bara kana yeroo jalqabaatiif kan Irreeffatamu ta’uu isaa Komishiniin Poolisii Oromiyaa Komishinar Kaffaaloo Tafarraan himaniiru.  

Qaamonni ayyaana Irreecha Finfinnee karaa nagayaatiin akka hin kabajne socho’aa jiran gamanumaa karaa qindaa’een nageenyasaa eeggachuu akka qabu himanii jiru.   

Ayyaanni Irreechaa Finfinnee seena qabeessa ta’e karaa nagaatiin kabajuuf qophiin karaa qindaa’een taasifamaa jiraachuusaa dubbataniiru.

Ummaanni qaamolee nageenyaa waliin ta’uun nageenyasaa eegsifachuuf tumsa barbaachisu gochuu qabas jedhanii jiru.

Qeerroo fi qarreen foolleen akkuma armaan dura nageenyasaaniif waardiyaa dhaabbachaa turanitti miiraan otuu hin ta’iin, garaa bal’achuudhaan tasgabbiidhaan ayyaanni Irreechaa seena qabeessa ta’e kun karaa nagayaatiin akka kabajamu gaheesaanii bahuu akka qabanis dhaamanii jiru.

Kana malees injifannoo aarsaa hedduutiin argame ceesisuuf nageenya naannichaa fi biyyaa eegsisuuf ilaa fi ilaameedhaan tarkaanfachuun nageenya isaa adda durummaan eegsisuu akka qabu dhaamsasaanii dabarsanii jiru jechuun BDhKMNOtu gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015