Afriikaan Kibbaa Imbaasii Ishee Naayijeeriyaa Jiru Cufte

68

Finfinnee Qaammee 01/2011 /TOI/ - Hokkara tibbanaatiin hariiroon biyyoota ollaa waliin qabdu laafaa kan jiru Afriikaan Kibbaa imbasii ishee kan magaalaa Abujaa jiru cufteetti.  

Afriikaan Kibbaa kana kan murteessite erga jiraattonni magaalaa Abujaa dhaabbilee dinagdeeshee haleeluudhaan haaloo bahuu eegalaniiti.   

Kaampaaniiwwan Abujaa fi Leegoos keessaa qabdus cufteetti Afriikaan Kibbaa.

Afriikaa Kibbaa keessatti haleellaa fi saamicha lammiilee biyyoota biroo irraa dhufanirratti xiyyeeffatee booda biyyoota haaloo bahuu jalqaban keessaa Naayijeeriyaan kan jalqabaati.

Madda:- CGTN Afriikaatu gabaase   

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015