Magaalaa Shaambuutti Pirojektoonni Misoomaa Birrii miiliyoona 14n Ijaaraman Tajaajila Kennuu Eegalan

Naqamtee Hagayya 21/2011 Magaalaa Shaambuutti Pirojektoonni misoomaa birrii miiliyoona 14n ijaaraman tajaajila kennuu kan eegalan ta'uu bulchiinsi magaalichaa beeksiseera.

Pirojektoonni kunneenis ummata kuma 50 ol ta'an kan tajaajilanidha jedhameera.

Kantibaan magaalaa Shaambuu obbo Dachaasaa Fixaa akka jedhanitti pirojektoota ijaarsi isaanii xumurame keessaa Daandii, Ibsaa daandiirraa fi pirojektiin bishaanii keessatti argamu jedhaniiru.

Dabalataanis iddoo oolmaa dargaggootaa, Bo'oo lolaa fi waajjiraaleen adda addaa keessatti argamu jechuun himaniiru.

Ijaarsa kana irrattis ummatni maallaqa, humnaa fi meeshaalee garaa garaan gargaarsa taasisuu isaanii dubbataniiru.

Akka ibsa obbo Dachaasaatti pirojektoonni kunneen kan ijaaraman gaaffii ummataatiini jedhaniiru.

Jiraattuun magaalaa Shaambuu ganda 01 adde Caaltuu Tasfaayee yaada kennaniin pirojektoonni kunneen gaafii isaanii kan deebisan ta'uu dubbataniiru.

Keesumattu bo'oon lolaa naannoo isaaniitti hojjetame raakkoo isaanii yeroo dheerraa kan fure ta'uu himaniiru.

"Daandiin magaalaa keessa keessaa hojjetamee raakkoo keessaa nu baasee jira " kan jedhan immoo obbo Taakkalaa Maammooti.

Magaalaan Shaambuu Magaalaa Guddoo Godina Horro Gudduruu Wallaggaa ta'uun ishee ni beekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015