Briitaaniyaan Deeggarsa Itiyoophiyaaf Taasistu Itti Fufti --- Aalook Shaarmaan

54

Finfinnee Hagayya 17/2011 (TOI) - Muummee ministiraa Doktar Abiyyi Ahimad, ministira Ministeeraa Tumsa Misoomaa Idil Addunyaa Briitaaniyaa Aalook Shaarmaan waliin mari'atan.

Mariin isaanii kunis kan xiyyeeffate dhimma wal gargaarsa biyyoota lamanii irratti ta'uun himameera.

Ministira Ministeera Tumsa Misoomaa Idil Addunyaa Briitaaniyaa Aalook Shaarmaan wayita kana akka jedhanitti Itiyoophiyaan Briitaaniyaaf michuu ishee cimtu ta'uu dubbataniiru.  

Milkiin Itiyoophiyaa milkii Afrikaa fi addunyaa waan ta'eef Briitaaniyaan Itiyoophiyaa waliin ni hojjettis jedhaniiru.  

Briitaaniyaan fooyyessa dinagdee Ityoophiyaan eegalte kan deeggartu ta'uus beeksisaniiru.

Aalook Shaarmaan Kaleessa Zoonii Indaastirii Iistarn daawwachuudhaan itti aanaa prezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa waliin mari'achuun isaanii ni yaadatama.  

Aalook Shaarmaan mootummaan isaanii invastimantii naannoo Oromiyaa keessatti miisoomuuf deeggarsa kan taasisu ta'uu ibsuun isaanii ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015