Kaabuulitti Haleellaa Boombii Sirna Gaa'elaarratti Raawwatameen Namoonni 63 Ajjeefaman

60

Hagayya 12/2011(TOI) - Magaalaa guddoo Afgaanistaan Kaabuulitti haleellaa boombii raawwatameen lubbuun namoota 63 yemmuu darbu namoonni 180 madaa'aniiru.

Namoonni ijaan argan 'BBC'f akka himanitti, balleessee badaan boombii hidhate sirna gaa'elaarratti dhooseera.

Haleellaan raawwatame kutaa magaalaattii dhihaatti kan argamuu fi naannawa Musliimonni Shi'aa argamanitti ta'uun beekameera.

Taaliibaan haleellaa kana keessaa harka akka hin qabne kan beeksise yoo ta'u, amma ammaatti qaamni itti gaafatama fudhate hin jiru.

Akka gabaasa kanaatti hidhattoota musliima Suunnii dabalatee kutaalee hawaasaa Shi'aa Hazaaraa jedhaman Taaliibaanii fi garee hidhataa Ayi Es Afgaanistaanii fi Paakiistaanitti haleellaa addaddaa irraan ga'aa jiru.

Ogeeyyonni fayyaa Afgaanistaan kanneen madaa'an deeggaraa akka jiran gabaasni 'BBC' hubachiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015