Ministirri Muummee Doktor Abiyyi Duula Qulqullinaa Biyyoolessaa Godina Arsii Magaalaa Itayyaatti Jalqabsiisan

54

Finfinnee  Hagayya12/2011 Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad duula qulqullina biyyoolessaa aadaa ta'ee akka itti fufuuf yaadamee adeemsifamaa jiru guyyaa har'aa naannoo Oromiyaa godina Arsii magaalaa Itayyaatti jalqabsiisaniiru.

Duulli qulqullinaa kun bakka ministirri ittisaa obbo Lammaa Magarsaa fi pirezidaantiin itti aanaa mootummaa nannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa akkasumas itti gaafatamtoonni naannolee fi federaalaa argamanitti adeemsifameera.

Duula qulqullinaa kana boodas ministirri muummee doktor Abiyyi garee isaanii waliin ta'uun godina Arsii aanaa Digaluu fi Xiijjoo naannawoota muunessaa oyiruu qonnaa akka daawwatan eegama.

Duulli qulqullinaa biyyaalessaa kun Finfinnee dabalatee naannolee biyyattii addaddaatti ni adeemsifama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015