Ummatni Oromoo Aadaa Biqiltuu Dhaabuu Fi Kunuunsuu Irratti Qabu Jabeessuu Qaba --Abbootii Gadaa

Mattuu Adoolessa 22/2011 (TOI) - Ummatni Oromoo akkaataa sirna Gadaa irraa barateen aadaa biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuu irratti qabu jabeessuu qaba jedhan Abbootiin Gadaa Saglan godina Iluu abbaa Boor.

Jiraattooni godina Iluu Abbaa Boor guyyaa "Ashaaraa Magariisaa" sababeeffachuun biqiltuu dhaabanii jiru.

Wayituma kana haasaa kan taasisan abbaan Gadaa Kaliifaa Shonoo akka jedhanitti ummatni aadaa biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuu irratti qabu jabeessuu qaba.

Sirna guyyaa guutuu biqiltuu dhaabuu kana irratti bal'inaan hirmaachuun Ashaaraa isaa kaa'uu qaba jechun himaniiru.

Bosonni jijjirama qilleensaaf, hawaasummaa fi dinagdeef faayidaa guddaa qaba jedhaniiru.

Ummatni muka yeroo ciru sana bakka buusuu qaba jedhaniiru obbo Kaliifaan.

Godina Iluu Abbaa Boor Bulchiinsa Magaalaa Mattuutti Adoolessa 22/2011 Guyyaa Ashaaraa Magariisaa kanatti Hawaasni Magaalichaa, Hojjettoonni Mootummaa, Dargaggoonnii fi dhaabbileen adda addaa irratti hirmaatanii jiru.

Godina Iluu Abbaa Boor aanaalee 13 keessaatti biqiltuuwwan miiliyoona 14 dhaabuuf ummatni kuma 300 ol hirmaateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015