Bulchiinsa Magaalaa Sulultaa Naannoo Caancootti Biqiltuun Kuma 760 Dhaabameera

127

Finfinnee Adoolessa 22/2011 (TOI) - Guyyaa har'aa guyyaa "Ashaaraa Magariisaa" sabaabefachuun bulchiinsa Magaalaa Sulultaa naannoo Caancoo jedhamutti biqiltuun kuma 760 dhaabamuu isaa aanichaatti qindeessaan abbaa adeemsa bosonaa fi qabeenya uumamaa Sululaa beekise.

Abbaan adeemsa hojii kan ta'an obbo Birhaanuu Isheetuu Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf akka jedhanitti hanga ammaatti bulchiinsa Magaalaa Sulultaa naannoo Caancootti biqiltuun kuma 760 dhaabameera jedhaniiru.

Guyyaa kanatti biqiltuu miiliyoona 1 dhaabuuf kan karoorfame yoo ta'u, karoorri kunis hanga galgala sa'aati 12tti kan galma ga'u ta'uus himanii jiru.

Jiraattoota naannoo isaaniitiin alattis hojjettootni ministeera inerjii fi bishaanii naannoo kanatti biqiltuu dhaabaniiru.

Har'a Adoolessa 22/2011 ganama saa'a 12:00 kaasee amma galgala ssa'a 12:00tti akka biyyaatti biqiltuu miiliyoonni 200 ni dhaabama jedhaame eegamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015