Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaatti Guyyaa “Ashaaraa Magariisaa” Sababeeffachuun Biqiltuun Miliyoona 12 Fi Kuma 96 Ol-Dhaabbuu Irra Jira

269

Adoolessa 22/2011 (TOI) – Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaatti Guyyaa “Ashaaraa Magariisaa” Dhaabbii Biqiltuu Sababeeffachuudhaan biqiltuun Miliyoona 12 fi kuma 96 ol-dhaabbuu irra jira.    
Godinichatti Aanaalee 13 fi Bulchiinsa Magaalotaa 2 keessatti karoora misooma magariisaa akka biyyaatti qabame milkeessuuf ummanni godinichaa yeroo ammaa dhaabii irratti argama.

Ergama Muummicha .Ministiraa Doktar Abiyyi Ahimadiin kenname fiixaan baasuuf har’a ganama saa’a 12:00 irraa eegalee bokkaa cimaa roobaa ture keessa bahuun dhaabbii biqiltuu kana milkeessuf xiiqiin hojjatamaa jira jechun kan gabaase waajjira Komunikeshinii godina Shawaa Kaabaatti.