Konfirensiin Waldaa Qorattoota Oromoo 33ffaa Gaggeeffamaa Jira

98

Adoolessa 19/2011- Konfirensiin Waldaa Qorattoota Oromoo ( OSA) 33ffaa Yunivarsiitii Riiftivaaliidhaan qophaa'e guyyaa har'aa Finfinneetti bakka I/A Pirezidaantii M/Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti eegaleera.

Waltajjicha haasaan kan banan Obbo Shimallis Abdiisaa akka jedhanitti Waggoota kurnan sadii darban keessatti dhimma Oromoo qorachuuf hojii inni hojjeteef galateeffatanii, Waldaa Qorattoota Oromoo konfirensii 33ffaa geggeessuuf gara Finfinneetti baga nagaan dhuftan jedhaniiru.

Waldichi (OSA) hojii qorannoo hojjechaa jiruun ummata Oromoo, ummata Itiyoophiyaa fi ummata adunyaafillee gumaacha kan qabu ta'uu dubbataniiru.  Dhaloonni amma jirru duudhaa sirna Gadaa abbootii isaa cimsatee akka deemuuf qu'annoo fi qorannoo taasisu cimsuu akka qabu dhaamaniiru.

Konfirensii guyyoota sadiif geggeeffamu kana irratti hayyoonni Oromoo fi Profeesar Asmaroom Laggasaa dabalatee qorattoonni seenaa Oromoo fi jaallattoonni Oromoo hedduun biyya keessaa fi biyya alaa irraa hirmaataniiru jechuun kan gabaase biiroo komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015