Hoggantoonni olaanoo ministeera dhimma alaa fi dippiloomaatonni Wixata dhufu ministira muummee Abiyyi waliin ni mari’atu

67

Finfinne Amajjii 3/2011 Hoggantoonni olaanoo ministeera dhimma alaa fi ambaasaadaroonni RFDI biyyooa 60 keessatti argaman Wixata dhufu ministira muummee doctor Abiyyi Ahmad waliin akka mari’atan ibsame.

Keeniyaatti ambaasaaddara ta’anii kan muudaman dubbi himaa duraanii bakka ob. Mallas Alam ob. Nabiyaat Geetaachoo bakka buusuusaa ministeerri dhimma alaa beeksiseera.

Ministeerichi ibsa dhimma yeroo torbee kanaa  irratti akka hubachiisetti, hoggantoonni olaanoo ministeerichaa fi ambaasaadaroonni haala quunnamtiin dippilomaasii biyyattii ittti cimurratti ministira muummee waliin ni mari’atu.

Fooyainsa ministeera dhimma alaa, hojiiwwan Itoophiyaan gama dippiloomaasiitiin raawwatee fi kallattii haala dippiloomaasii fuulduraarratti mariin akka adeemsifamu ni eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015