Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Hospitaala Xiqur Anbassaatti Argamuun Duula Qulqullinaa Irratti Hirmaataniiru

52

Finfinnee Waxabajjii 09/2011 Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad sagantaa idilee "Yeroo hundaa Itiyoophiyaa haa qulqulleessinu" jedhamuun beekamu irratti guyyaa har’aa hospitaala Xiqur Anbassaatti argamuun hojii qulqullinaa fi dhaabbii biqiltuu irratti hirmaataniiru.

Doktar Abiyyi sagantaa duula qulqullinaa kana irratti hirmaachuun alatti mooraa hospitaalichaa keessattis biqiltuu dhaabaniiru.

Duula qulqullinaa kana irratti Minitirri Ministeera Fayyaa federaalaa doktar Amiir Amaan dabalatee hooggantoonni mootummaa olaanoo argamaniiru.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015