Abbootiin Qabeenyaa Lafa Qotee Bulaa Irratti Weerara Gaggeessaa Jiru

98

Finfinnee Waxabajjii 02/2011 Baasiin misooma jallisiif ba'u olaanaa waan ta'eef lafa isaanii abbootti qabeenyaaf kireessuu dhaaf dirqamuu isaanii qotee bultoonni himan.

Ministeerri qonnaa gama isaatiin weerara lafa qotee bulaa irratti adeemsifamaa jiru dhorkuuf seera baasaa jiraachuu isaa ibseera.  

Motummaan tarsiimoo misooma jallisii baasee erga hojii eegalee waggootiin 3 lakkaa'aman illee  hanqina gara garaa waan qabuuf qonnaan bultoonni sirnaan itti fayyadamuu hin dandeenye.

Tarsiimoon waggoota 3 lakkoofsise kunis qonaan bultoota fayyadamoo akka hin taasisfne qonaan bultoonni godina Shawaa bahaa aanaa Dugdaa tajaajila oduu Itiyoophiyaatti yeroo himan hojiin misooma jallisii abbootti qabeenyaan waan qabamaniif lafa isaanii irraa faayidaa barbaachisaa ta'e argachaa akka hin jirre dha kan dubbatan.

Qotee bulaan Jalduu Midhagsaa jedhaman yaada kennaniin akka jedhanitti misooma jallisiif baasiin barbaachisu humna isaanii ol ta'uu dha kan himan.

Naannoo isaaniitti lafa heektaara kurmaana misoomsuuf birrii kuma 60 hanga kuma 70 baasiin akka taasifamu  himanii jiru.

Kanaafis qonnaan bulaan birrii kana baasee lafa kana misoomsuu waan hin dandeenyeef lafa isaa abbootii qabeenyaaf kireessuun isaan ammoo waggaatti yeroo tokko qofaa rooba eeganii misoomsaa akka jiran dubbataniiru.

Dargaggoo Tasfaayee Mollaas yadda kenneen lafa maatii isaa heektaara 3 keessaa lafa heektaara 1 qofa misoomsaa akka jiru himee jira.

Qotee bultoonni tokko tokkos abbootii qabeenyaa kanneenitti siquun lafa isaan qaban irraa xiqqoo qofa misoomsaa akka jiran dubbatee jira.

Abbootiin qabeenyaa kunneenis waggaa waggaa dhaan lafa kana misoomsaa itti fayyadamaa turuu isaanii irraa kan ka'e oomishtummaan lafaa hir'ateera jechuun yeroo ammaa kana lafa heektaara tokko birrii kuma 30 fi isaa gadiin kirreefatani i akka hojjechaa jiran himee jira.

Inistiitiyuutii qorannoo qonnaa Oromiyaatti gorsaa qonnaa kan ta'an doktar Abarraa Dheeressaa akka jedhanitti naannawa Qooqaa, Maqii, Ziwaayii fi iddoon kan biroos qonnaa gannaa irraa misooma jallisiif hedduu mijatoo dha.

Kun waan ta'eef abbootiin qabeenyaa hedduun birrii isaanii abdachuun qonaan bultoota irraa lafa kirreefatani hojjechaa jiru jedhaniru.

Qonnaan bultooni kunneniis lafa kireeffatan kana irraa oomisha hedduu argachuuf karoorsuun xaa'oo humnaa ol waan itti godhaniif oomishtummaan lafa kanaa yeroo dha gara yerootti hir'achaa dhufeeras jedhaniiru.

Gocha kanaaf furmaata laachuufis mootummaan qonnaan bultoota naannoo sanaaf deeggarsa gochuun qonnaan bultoonni ofii isaaniin oomishanii akka fayyadaman taasisuutu irra jiraata jedhaniiru.

Ministeera qonnaatti hogganaan sab qunnamtii ummataa obbo Alamayyoo Birhaanuu gama isaaniitiin misoomni qonnaa hojii Agiroo Ikooloojii hojjechaa jiru keessaa isa tokko ta'uus odeeffannoowaan adda addaa sirnaan waan hin qabamneef hanqinni mul'achaa jira jedhaniiru.

Keessumattuu waggoota darban 2 fi 3 keessaatti abbootiin qabeenyaa fayidaa xiqqoon qotee bultoota goyyoomsuun weerara lafa qonnaa raawwataa turuu isaaniis himanii jiru.

Yeroo ammaa kana weerara lafa kanaa dhorkuuf karaa Ministeera qonnaa seerri ba'aa jiraachuu isaa ibsaniiru.

Kun yeroo hojii irra ooletti qonnaan bultoonni guutummaatti lafa isaanii irraa fayyadamoo ni ta'u jechuun himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015