Dhiibbaa Jijjiirama Haala Qilleensaa Ittisuuf Dhaloonni Bakka Bu'aan Eegumsa Naannoo Akka Taasisu Hojjechuun Ni Barbaachisa

232

Adaamaa/Sooddoo Waxabajjii 01/ 2011 Dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf dhaloonni bakka bu'aan eegumsa naannoof xiyyeeffannoo kennuu qaba akka qabu komishiniin bosonaa, naannawaa fi jijjiirama haala qilleensaa beeksise

Guyyaan naannawa addunyaa sadarkaa idil addunyaatti yeroo 46ffaaf akkasumas sadarkaa biyyaatti yeroo 26ffaaf naannoo Oromiyaa magaalaa Adaamaatti mata duree " jijjiirama qilleensaa waliin haa ittifnu" jedhuun kabajameera.

Komishinariin itti aantuu komishinii bosonaa, naannawaa fi jijjiirama haala qilleensaa adde Fireenash Makuriyaa ayyaana kanarratti akka hubachiisanitti, misoomni magariisaa aadaa ta'ee akka itti fufu hojjechuu barbaachisa.  

Mukni lafarraa dhumuunsaa, balfi gogaa fi jiidhaan manaa fi industiriiwwan keessaa ba'u, dameen tajaajilaa fitiraanispoorteeshinii kaarbooniin qilleensatti gadi lakkifamu haala qilleensaa qoraa akka jiran dubbataniiru.

Rakkoo kana amma dhumaatti salphisuuf barattoota sadarkaa tokkoffaarraa jalqabee qulqullinaa fi miidhagina naannoo, misooma bosonaa fibiqiltuu dhaabuu, itti fayyadama humna haaromfamuu ilaalchisee hubannoonsaanii akka cimu gochuun hojii dursi kennamuuf ta'uu akka qabu hubachiisaniiru.

"Biyyi dhaloota boruutiif dabarsinu qulqulluu, miidhagduu fi haala qilleensaa fayyaa lammiileef mijate akka qabaattu gochuuf hojii misooma magariisaa duula irraa adda ba'e aadaa godhannee itti fufsiisuu qabna" jedhaniiru.

Daarektarri olaanaa abbaa taayitaa bosonaa, naannawaa fi jijjiirama haala qilleensaa Oromiyaa obbo Boonaa Yaaddessaa gamasaaniitiin, dhaabbileen barnootaa, gurmaa'insi dargaggootaa fi dubartootaa misoomni magariisaa akka babal'atu hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Naannoo Oromiyaatti baatii gannaa kanatti biqiltuu biiliyoona 3 dhaabuuf karoorfamuusaas beeksisaniiru.

Balfa dhangala'aa fi gogaa mana keessaa ba'uun faalamni qilleensaa mudatuun biyyoota miidhamaa jiran 10 keessaa Itiyoophiyaan sadarkaa duraarratti akka argamtu kaa ibsan obbo Boonaan, haala kana jijjiiruuf bu'a qabeessummaa tarsiimichaaf tumsuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Kantiibaan magaalaa Adaamaa obbo Assagid Geetaachoo gamasaaniitiin magaalattiin faalama qileensaa balfa mana keessaa ba'uun magaalaalee biyyattii miidhamaa jiran keessaa tokko ta'uushee ibsanii, rakkoo kana maqsuuf hojiiwwan qulqullinaa fi miidhaginaatiif xiyyeeffannoon kennameera jedhaniiru.

Balfa gogaa fi jiidhaa magaalattii keessaa ba'an gara xaa'oo uumamaatti jijjiiruuf hojjetamaa akka jiruu fi qabannaa fi dhabamsiisa balfaa irratti sirna ammayyaa'aa diriirsuu irratti akka argamu hubachiisaniiru.

Haala wal fakkaatuun godina Walaayittaatti guyyaa eegumsa naannoo sababeeffachuudhaan Walaayittaatti duulli biqiltuu dhaabuu jalqabameera.

Duula kanaan ifatti kan banan bulchaa godinichaa obbo Daagattoo Kumbee misooma magariisaa ganda irraa amma godinaatti diriirfame keessatti hirmaachuudhaan  Walaayittaa magariisa uumuuf jiraataan hirmaannaasaa akka cimsu gaafataniiru.

Itti gaafatamaan waajjira eegumsa naannoo fi jijjiirama haala qilleensaa obbo Zallaqaa Zaaraa gamasaaniitiin waggaa kana gandoonni hundi sosochii hawaasaa taasisuudhaan tokkoon tokkoon namaa biqiltuu 40 akka dhaabu ibsaniiru.

Wayita ammaa biqiltuuwwan miiliyoona 98 ol qophaa'uusaa fi  sanyiiwwan faayidaa dinagdee kan qaban, tajaajila ijaarsaa fi eegumsa naannoof oolan akka dhaabaman ibsaniiru.

Godinichatti jiraataan ganda Addee Koyishaa obbo Abbaayineh Anjalloo waggaa darbe garee misoomaatiin gurmaa'uudhaan biqiltuuwwan dhaabaman kuma shanii oliif kunuunsa taasisaa jiraachuusaanii ibsaniiru.

Kanaanis naannawa isaaniitti qilleensi akka jiraatu taasisuurra darbee naanawi isaanii akka eegamu waan taasiseef lafti deebi'ee akka gabbatu taasisaa jiraachuu dubbataniiru.

Baranas biqiltuuwwan kuma tokkoo ol dhaabuu fi kunuunsuuf qophaa'uusaanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015