Rippaabliikni Dimokraatawaa Koongoo Muummicha Ministiraa Haaraa Muudde

55

Caamsaa 15/2011 Biyyi Rippaabliika Dimokraatawaa Koongoo muummicha ministiraa haaraa muudde.

Muummichi ministiraa haaraan Rippaabliika Dimokraatawaa Koongoo Siilviistir Iluungaa Iluukaamibaa nama siyaasaa ta'uun isaanii beekameera.

Pirezidaantii duraanii Kongoo Jooseef Kaabilaa waliinis walitti dhufeenya cimaa kan qaban ta'uu ibsi ba'e eereera.

Muummichi ministiraa kunis kanaan dura dhaabbata biyyoolessaa doonii Koongootti hogganaa ta'anii kan hojjatan yoo ta'u, bara 1970 calqabee ammoo waajjiraalee mootummaa gara garaa keessatti hojjataniiru.  

Prezidaantiin Rippaabliika Dimokraatawaa Koongoo amma jiran Fileeks Teshiikeediin filannoo prezidaantummaa bara 2018tiin filatamuun isaanii ni beekama.

Biyyattiitti mootummaa haaraa hundeessuuf yeroo kan itti fudhate yoo ta'u, muummicha ministiraa muuduu irrattis fedhiin gara garaa akka ture ibsamee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015