Kirooshiyaan Biraazil rukuttaa adabbiitiin 4-2n mo'achuun xumura walakkaaf dabarte.

128

Sadaasa 30/2015 (TOI)- Tapha waancaa addunyaa 22ffaa nuusa xumuraaf har'a galgala taphatameen Kirooshiyaan rukuttaa adda ba'iinsaa 4 fi 2’n Biraaziliin injifachuun tapha walakkaa xumuraaf dabarte jirti.

Daqiiqaawwan 90’n jalqabaa keessatti gareen lamaanuu goolii walirratti lakkoofsisuu baatanis, daqiiqaa 30 dabalamee, daqiiqaa 105ffaa irratti Neeymaar goolii tokko Biraaziiliif, Peetkooviik daqiiqaa 116ffaarratti Kirooshiyaaf goolii tokko lakkoofsiseera.

Ta’us, rukuttaa addaa ba’iinsaa kennameen, Kirooshiyaan 4 fi 2’n Biraaziiliin injifachuun tapha walakkaa xumuraaf yoo dabartu, si’a shan shaampiyoonaa Waancaa Addunyaa kan taate Biraaziil Waancaa Addunyaa 22ffaa baranaan alaa taateetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015