Ruusiyaan misoomaa fi badhaadhina Itiyoophiyaaf deeggarsa hundagaleessa ni taasifti-Evgeenii Petroovin

91

Sadaasa 30/2015(TOI)--- Ruusiyaan misoomaa fi badhaadhina Itiyoophiyaaf deeggarsa hundagaleessa ni taasifti jedhan gaggeessaan jila federeeshinii Ruusiyaa komishinii ministirootaa waloo Itiyoo-Ruusiyaa Evgeenii Petroovin.

Waltajjiin marii komishinii ministirootaa waloo Itiyoo-Ruusiyaa 8ffaa kaleessa xumuramuunsaa ni yaadatama.

Gaggeessaan jila federeeshinii Ruusiyaa ministiroota waloo Itiyoo-Ruusiyaa Evgeenii Petroovin TOItti akka himanitti, Ruusiyaa fi Itioophiyaan biyyoota hariiroo bara dheeraaf ture qabanidha.

Gabaa addunyaa hatattamaan jijjiiramu keessatti biyyoonni lamaan walitti hidhiinsa daldalaa fi invastimantiin qaban caalaatti cimsuuf carraaleen dandeessisan bal’aan akka jiran ibsaniiru.

Kanaaf , walta’iinsa gama dinagdeetiin biyyoota lamaan jidduutti jalqabame gara hariiroo siyaasaa olaanaatti ceesisuun boqonnaa haaraa jalqabsiisuu qabna jedhaniiru.

Kanaafis Ruusiyaan, muuxannoo gama hundaan qabdu Itiyoophiyaaf qooduun misoomaa fi badhadhina Iiyoophiyaa akka deeggartu ibsaniiru.

Fedhiin humnahaaromfamuu addunyaa baay’ee akka dabalu ibsuun,  Itiyoophiyaan waggoota dhihoo asitti misooma magariisaaf xiyyeeffannoo kennite dinqisiifataniiru.

Michoomni Itiyoophiyaan Ruusiyaaf agarsiisaa jirtu baay’ee kan dinqisiifamu ta’uu himanii, Ruusiyaan gamasheetiin pirojektoota guddinaa Itiyoophiyaan taasiftu keessatti deeggarsa taasiftu cimsitee akka itti fuftu ibsaniiru.

Waltajjiin maree komishinii ministirootaa waloo Itiyoo-Ruusiyaa barnoota, teekinooloojii fi damee albuudaa akkasumas dhimmoota ijoo hedduu irratti mari’achuu ibsaniiru.

Ruusiyaan muuxannoo, beekumsaa fi teekinooloojii qabdu Itiyoophiyaaf qooduuf kutannoo akka qabdu eeraniiru.

Hariiroon dippiloomaasii Itiyoophiyaa fi Ruusiyaa michooma cimaarratti hundaa’uun waggoota 124 ol kan ture ta’uu odeeffannoowwan ni eeru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015