Komishineer Jeneraal Dammallaash Gabramikaa'eel Gamtaa Ajajoota Poolisii Afrikaa bahaatti Pirezidaantii ta'an

65

Sadaasa 29/2019(TOI) - Komishineer Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel Pirezdaantii Gamtaa Ajajoota Poolisii Afrikaa Bahaa (EAPCCO) ta’uun filataman.

Yaa’iin Waliigalaa Gamtaa Ajajoota Poolisii Afrikaa Bahaa(EAPCCO) 24ffaan bakkaa Pirezdaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudee argamanitti gaggeffamaa jira.

Pirezdaantii Gamtaa Ajajoota Poolisii Afrikaa Bahaa(EAPCCO) ta’uun tajaajilaa kan turan Inispeektara Jeneraalaa Poolisii Biyyaalessaa Rippublika Dimookiraatawaa Kongoo Diyudone Amulii Bahigwa Komishinar Dammallaash Gabramikaa’eelitti aangoo dabarsanii kennuu ragaan Komishinii Poolisii Federaalarra argame ni muli'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015