Hanqinni qulqullinaa fi harkifannaa ijaarsa pirojektotaarratti mul’atu hojmaata badaa fi malaammaltummaaf balbala kan banedha-Injiinar Ayishaa Mahaammad

68

Sadaasa 24/2015(TOI)---Hanqinni qulqullinaa fi harkifannaan ijaarsa pirojektootaa irratti mul’atu hojmaata badaa fi malaammaltummaaf balbala banuusaa ministirri jallisii fi naannawa gammoojjii injiinar Ayishaa Mahaammad ibsan.

Guyyaan farra malaammaltummaa sadarkaa addunyaatti yeroo 19ffaaf Itiyoophiyaatti ammoo yeroo 18ffaaf hojjettoonnii fi hoggantoonni ministeerichaa bakka argamanitti mata duree “malaammaltummaarratti qabsaa’uun qabatamaan” jedhuun kabajameera.

Malaammaltummaa hadheeffannee qabsaa’uuf ka’uu kan qabnu amma kan jedhan Injiinar ayishaan, duula mootummaan malaammaltummaarratti jalqabe qabatamaan deeggaruun biyya keenya baraaruu qabna jedhaniiru.

 “Guyyaa kana wayita yaadannu malaammaltummaa biyya keenya miidhaa jiru irratti qabsaa’uuf kutannoo qabnu duula kanatti makamuun qabatamaan mirkaneessuu qabna” jedhaniiru.

Dhalootaa fi biyya keenya baraaruu qabna kanjedhan ministirittiin, sababa malaammaltummaatiin kan dhabnu qabeenya, maallaqaa fi misooma qofa osoo hin ta’iin dhaloota waan ta’eef hojjettoonni dhaabbatichaa hundi malaammaltummaa irratti qabsaa’uun ga’eesaanii bahuu akka qaban hubachiisaniiru.

Ministeerichi pirojektoota gurguddoo abdiin irratti gatame hedduu maallaqni hedduun ramadameefiiijaarsisaa akka jiru eeranii, pirojektoonni kunneen hojmaata badaa fi malaammaltummaaf akka hin saaxilamne ofeeggannoo olaanaan raawwachuu fi raawwachiisuu qabna jedhaniiru.

Duudhaalee naamusaa fi safuu hojjettoota dhaabbatichaa biratti ijaaruun rakkoolee malaammaltummaa hir’isuun alatti ilaalchaa fi hubannoo dhalootaa jijjiiruuf hojii murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015