Yaa’iin bulchiinsa Intarneetii idil addunyaa Itiyoophiyaan human dijitaalaa qabdu addnyaaf akka beeksiftu carraa kan uumedha.

195

Sadaasa 24/2015(TOI) Yaa’iin bulchiinsa intarneetii idil addunyaa Itiyoophiyaan human dijitaalaa addunyaaf akka beeksiftu carraa kan uume ta’uu ministeerri Innoveeshinii fi teekinooloojii ibseera.

Yaa’iin bulchiinsa intarneetii idil addunyaa 17ffaan Itiyoophiyaan Sadaasa 19 amma sadaasa 23tti kessummeesite kaleessa xumurameera.

Ministeera Innoveeshinii fi teekinooloojiitti daarektarri jeneraalaa dijitaal tiraanisfoormeeshinii doktar Abiyoot Baayyuu TOItti akka himanitti, yaa’iin kun marii faayida qabeessa taasisuun xumurameera.

Yaa’iin kun hayyoota idil addunyaa fi namoota dhuunfaa dhiibbaa geessisuu danda’an dabalatee namoota hedduu kan hirmaachissee fi bu’a qabeessa akka ture ibsaniiru.

Itiyoophiyaan dinagdee dijitaalaa ijaaraa jirtuuf muuxannoo kan itti argattee fi muuxannoo qabdu kanneen biroof kan itti qoodde akka ture dubbataniiru.

Haala kanaan qaqqabiinsa Intarneetii, bu’ura misoomaa ijaruu fi biyyoota dame kanaan sadarkaa olaanaarra gahan irraa muuxannoo fudhachuushee ibsaniiru.

Humna dijitaalaa qabdu sadarkaa idil addunyaatti beeksisuun hojiiwwan onlaayinii hedduu gara biyyattiitti fiduuf hojjechaa akka turtes himaniiru.

Haala walfakkaatuun sadarkaa idil addunyaatti gabaa teekinooloojiirratti murtee kan dabarsan, namoota dhiibbaa uuman imaammata teekinooloojii addunyaa kan qiyyaasan gara Itiyoophiyaa dhufanii waan gaarii arguunsaanii  hojii itti aanuuf gumaacha olaanaa akka qabu dabalanii ibsaniiru.

Yaa’ii kanarratti biyyoota addunyaa 170 ol irraa kan dhufan walumaa gala namoonni kuma 5 ol qaamaa fi intarneetiin hirmaachuusaanii odeeffannoon ministeera Innoveeshinii fi teekinooloojiirraa arganne ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015