Guyyaan sabaa fi sablammootaa taatee lammiileen tokkummaasaanii itti cimsatanii fi aadaasaanii itti beeksisanidha-Af yaa’ii Aganyoo Tashaagar

127

Sadaasa 24 bara 2015(TOI)---Guyyaan sabaa fi sablammoota Itiyoophiyaa taatee lammiileen tokkummaasaanii itti cimsatanii fi aadaasaanii itti beeksifatan ta’aa dhufeer jedhan af yaa’iin mana maree federeeshinii ob. Aganyoo Tashaagar ibsan.

Mariin paanaalii xumuraa guutuu magaalaa guyyaan Saba, sablammootaa fi ummattootaa 17ffaan yunivarsiitii Finfinneetti adeemsifamaa jira.

Mariin paanaalii kun mata duree “Tokkummaan keenya sabdaneessummaa nageenya waaraaf” jedhuun adeemsifamaa jira.

Af yaa’iin mana maree federeeshinii ob. Aganyoo Tashaagar fi af yaa’iin mana maree magaalaa Finfinnee adde Buzeenaa Alqaadir dabalatee qaamoleen hawaasaa kutaalee magaalaa hundarra dhufanii fi miseensonni raayyaa ittisaa marii paanaalii kanarratti argamaniiru.

Af yaa’iin mana maree federeeshinii ob. Aganyoo Tashaagar akka jedhanitti, guyyaan saba, sablammootaa ummattoonni tokkummaasaanii cimsatanii aadaa fi barsiifatasaanii kan itti wal jijjiiranidha.

Ayyaanni kun hojeeffama waggoota darbaniin keessumaa seenessoota faallaa dabarsuudhaan hanqinoota qabaachaa akka ture kaasaniiru.

Jijjiiramaan booda seenessa faallaa kana sirreessuuf yaalamee jijjiiramoonni gaariin hedduun galmaa’aniiru kan jedhan af yaa’iin kun, “ayyaanni kun tokkoof ibsituu eenyummaa kan biraaf faaya ta’aa dhufeera” jedhaniiru.

Ayyaana sabaa fi sablammootaa fi ummattootaa 17ffaa wayita kabajnu obolummaa caalmaatti kan itti cimsinu ta’uu qaba jedhaniiru.

Ayyaanni saboota, sablammootaa fi ummattootaa guutuu magaalaa jalqaba baatii Sadaasaatii eegalee aanaalee fi kutaalee magaalaa hundatti marii paanaaliitiin kabajamaa tureera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015