Naannoon Oromiyaa Malaammaltootarratti tarkaanfii seeraa fudhachaa jira.

64

Sadaasa 24 bara 2015(TOI)---Naannoo Oromiyaatti malaammaltootarratti tarkaanfii seeraa cimaa fudhachaa akka jiru abbaan alangaa walii gala naannichaa beeksise.

Abbaan alangaa waliigalaa naannichaa baatiiwwan sadan darban qaamolee yakka malaammaltummaa raawwatanirratti tarkaanfii fudhatame ilaalchisee har’a ibsa kenneera.

Abbaan alangaa waliigalaa ob. Guyyooo Waariyoo ibsa kennaniin, baatiiwwan sadan darban namoonni kuma 1 fi 300 ol yakka malaammaltummaa raawwachuunsaanii mirkanaa’ee dhimmisaanii murtee argateera.

Haala kanaan kan yakka kanarratti hirmaatan hidhaa cimaa waggaa tokkoo fi ji’a 6 amma amma waggaa 16tti akka adabaman akka itti murtaa’e ibsaniiru.

Akkasumas magaalaawwan addaddaatti lafti karee meetira kuma 230 ol, birrii miiliyoona 70, konkolaattonni addaddaa sadii fi manneen jireenyaa sadii mootummaaf galii taasifamaniiru.

Akka abbaan alangaa kun ledhanitti, baatiiwwan sadii darban galmeewwan malaammaltummaan wal qabatan 285 irratti qorannoon taasifamee amma dhimmisaa qulqullaa’utti birriin miiliyoona 67 ittifameera.

Kana malees lafti karee meetira kuma 289, manneen jireenyaa magaalaawwan addaddaatti argaman toorbaa fi konkolaattonni sadii ittifamanii qorannaan taasifamaa akka jiru ibsaniiru.

Bulchiinsi lafaa, bittaan mootummaa fi caalbaasiin dameewwan malaammaltummaaf saaxilaman ta’uu eeraniiru.

Kanneen malaammaltummaaf saaxilamanii argamanis mahaandisoota, hojjettoota mootummaa, abbootii qabeenyaa fi faddaaltota ta’uusaanii ob. Guyyoon ibsaniiru.

Mootummaan naannichaa yeroo kamiyyuu caalaa malaammaltootarratti tarkaanfii fudhachuuf qophii ta’uusaa abbaan alangaa waliigalaa ibsanii, ummanni naannichaa akka gargaaru waamicha taasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015