Akkaataan Itiyoophiyaan keessummoota itti simattee fi keessummeessite kan dinqisiifamudha-Hirmaattota

151

Sadaasa 24/2015(TOI)---Akkaataan Itiyoophiyaan keessummoota itti simattee fi keessummeessite kan dinqisiifamu ta’uu hirmaattonni yaa’ii bulchiinsa intarneettii idil addunyaa 17ffaa ibsan.

Yaa’iin bulchiinsa intarneetii idil addunyaa 17ffaa Finfinneetti adeemsifame kaleessa xumurameera.

Sagantaa xumuraa yaa’ii galma komishinii dinagdee Afriikaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitiitti adeemsifamerratti kan hirmaatan turtii isaanii ilaalchisuun yaada kennaniiru.

Haala kanaan akkaataan Itiyoophiyaan keessummootashee itti simatte kan dinqisiifamu ta’uu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan jiddugaleessa Afriikaa ta’uushee irra darbee yaa’iiwwan idil addunyaa ga’umsaan keessummeessuu akka dandeessu yaa’ii kanaan qabatamaatti agarsiifteetti jechuun ibsaniiru.

Qmmaolee turtiin kun gammachiisa akka ta’u taasisanis galateeffataniiru.

Yaa’iin kun mata duree ”intarneetiin cimaan abdii egeree fi waloof” jedhuun guyyoota shaman darban adeemsifamaa ture xumurameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015