Deeggarsa namoomaa Mootummaan nuuf taasisaa jiru rakkoo irraa nu hambiseera - Jiraatoota Magaalaa Shiree

97

Sadaasa 22/2015(TOI) - Deeggarsi namoomaa itti fufinsaan mootummaan nuuf taasisaa jiru rakkoo cimaa keessa turre irraa nu baraareera jedhan jiraatoonni Magaalaa Shiree TOI yaada isaanii laatan.

Hojiin nageenya mirkaneesuuf taasisaa jiru dinqisiifataniiru. Deeggarsa nomaa dhiheesuun cinaatti tajaajila hawaasummaa deebisanii dhaabuuf hojiin hojjetamu cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Waliigaltee nageenyaa Afrikaa Kibbaa Piritooriyaatti irra gahame hordofee mootummaan naannoo Tigiraay bakka hundaatti hojii deeggarsa namoomaa dhiheesuu, dhaabbilee tajaajila hawaasummaa deebisanii hojii jalqabsiisuufi kanneen qe'ee isaanirra buqqa'an deebisanii dhaabuu hojjechaa jira.

Komishiiniin hoggansa balaa sodaa Itoophiyaa akka ibsetti erga waliigalteen nageenya taasifamee as naannichaaf deeggarsi namoomaa midhaan nyaatafi waantoota nyaatan wal qabatan meetirik tooniin kuma 32 dhihaachuu beeksiseera.

Shiraaroo hanga Aduwaatti lammilee kuma 535 deeggarsi namoomaa dhihaachuus himeera.

TOI erga waliigalteen nageenyaa taasifamee as haala dhiheesiifi qaqqabummaa deeggarsa namoomaa jiru ilaachisuun jiraatota magaalaa Shiree gaafateera.

Kanneen yaada kennan akka himanitti deeggarsi namoomaa itti fufinsaan mootummaan naannoo Tigiraayif dhiheessaa jiru rakkoo cimaa keessa turanirraa fureera.

Waliigalticha hordofee osoo mootummaan nyaata, qorichafi meeshaalee yaala fayyaa gara naannichaa galchuu baatee lammileen hedduu rakkoo cimaa keessatti kan kufan ture jedhaniiru.

Mootummaan hojiin deeggarsa namoomaa dhiheesuu akkum jirutti ta'ee dhaabbilee tajaajila hawaasumaa hojii jalqabsiisuuf hojiin hojjetu cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015