Waldhaansi jijjirraa Kalee irra deebiin jalqabuu isaan yaala barbaannu argannee akka hojii keenyatti deebinu abdii nutti horeera

85

Sadaasa 22/2015(TOI) - Koollejiin Hospitaala yaala fayyaa Quddus Phaawuloos tajaajila waldhaansa jijjirraa Kalee irra deebiin jalqabuun isaan yaala barbaannu argannee akka hojii keenyatti deebinu abdii nutti horeera jedhan Tajaajilamtoonni yaala fayyaa Kalee Hospitalichatti argatan kan TOI dubbise.

Mootummaan bara 2008 tajaajila yaala fayyaa Kalee jijjiruu Koolejjii Hospitaala Quddus Phaawuloos keessatti jiddugala hundeesuun hojii jalqabuun isaa ni yaadatama.

Kanaan dura hojii waldhaansa jijjirra Kalee ogeessoota biyya alaan kan laatamaa ture yoo ta'u bara 2010 irraa jalqabee ogeessota fayyaa Itoophiyaan akka laatamus taasifameera.

Ta'us garu bara 2012 akkuma weerarri Vaayirasii Koroonaa mudateen hojiin waldhaan Kalee jijjiruu kun adda cituun haga yeroo dhihootti tureera.

Jiddugalli kun tajaajilicha adda kutuu isaan kanneen waldhaansa kana barbaadan rakkoo hedduuf saaxilamaniiru.

Hospitaalichi hojii waldhaansa Kalee jijjiruu kana waggaa lamaaf erga adda kutee tureen booda Fulbaana 18/2015 irra deebiin jalqabeera.

TOI jiddugalichi hojii jalqabuu isaa hordofee tajaajilamoota waldhaansa kana argataan haala isaan tajaajila itti argatan irratti dubbiseera.

Dargaggoo Balaachoo Barnaal jiddugalichi waldhaansa Kalee jijjiruu kana haga inni irra deebiin jalqabutti abdiin eeggachaa turee himeera.

Waggaa lamaaf waldhaansa kana argachuuf qoranoowwan barbaachisan taasisaa turuus tajaajilichi adda cituu isaan rakkoon hedduun isa mudachuu himeera.

Jiddugalichi jalqaba bara kanaa irra deebiin tajaajila kana jalqabuu isaan tajaajila kana argatee fayyaa gaariirra akka jiru himeera.

Erga tajaajila Jijjirraa kalee kana argatee ji'a lama ta'uu himee yeroo ammaa torbanitti yeroo lama gara Hospitaalichaa dhaquun ogeeyyiin fayyaa hordoffii kan taasisaafii jiran ta'uus himeera.

Tajaajilli waldhaansa fayyaa kun Itoophiyaanootaan kan laatamu ta'uun isaa kan baay'ee nama boonsu ta'uu himee, hojiin kun lammilee harka qaleeyyii hedduutti abdii kan horedhas jedheera.

Namoota tajaajila yaala fayyaa argatan keessaa kan biroo obbo Barataa Barkeedha. Isaan addaan cituu tajaajila waldhaansa Kalee jijjirraan rakkoo hedduuf saaxilamuun cinaatti baasii hedduuf saaxilamaa kan turan ta'u himaniiru.

Jiddugalichi hojii jalqabuu isaan tajaajila kana argachuuf eeggachaa jiraachuu himaniiru. Tajaajilli kun irra deebiin jalqabuun isaa namoota hedduutti abdii haaraa horeera jedhaniiru.

Koolejjii Hospitaala Phaawuloositti Jiddugala Waldhaansa Kalee Jijjirraatti daarekatara kan ta'an doktar Tsagaayee Birhaan akka himanitti tajaajilli waldhaansa yaala Kalee Jijjiruu sababa vaayirasii Koroonaan adda citee ture erga irra deebiin hojii jalqabee haga ammaatti namoota 5'f tajaajilli yaala kun kennameera.

Waggaatti namoota 50 hanga 60 ta'aniif tajaajila kana laachuuf karoorfamuus himaniiru.

Jiddugalichi tajaajila yaala fayyaa barbaachisu karaa sirrii laachuun fayyaada namoota hedduu deebisuuf yaalii gochaa jirachuu himanii, hojiin kun akka milkaa'uuf deeggarsi barbaachisu akka taasifamu gaafataniiru.

Tajaajila kana sadarkaa biyyaatti bakkee adda addaatti babali'isuun barbaachisaa akka ta'e.

Yeroo jalqabaatiif biyya keessatti waldhaansi Jijjirraa Kalee bara 2008 Koleejjii Hospitaala Quddus Phaawuloositti karaa milkaa'a ta'een raawwatamuun ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015