Qormaanni Yunivarsiitiidhaa ittiin bahamu karaa onlaayinii kennuuf qophiin taasifamaa jira

97

Sadaasa 22/2015(TOI)---Qormaata yuunivarsiitiidhaa ittiin bahamu karaa onlaayinii kennuuf qophiin taasifamaa akka jiru ministeerri barnootaa beeksise.

De’eetaan ministira barnootaa doktar Saamu’eel Kiflee qormaata yuunivarsiitiidhaa ittiin bahamu ilaalchisuun yunuvarsitoota mootummaa fi dhuunfaa waliin mari’achaa jiru.

Qormaata ittiin bahamu karaa onlaayinii kennuuf qophiin taasifamaa akka jiru doktar Saamu’eel ibsaniiru.

Qormaatichi barattoota sagantaawwan idilee fi al idileen eebbifaman hunda akka ilaallatus beeksisaniiru.

Qormaatichi barattoota eebifamtoota sagantaa idilee guyyaa, galgalaa fi barumsa fagootiin yunivarsiitii hunda keessa barataniif akka kennnamu ibsameera.

Waggaa baranaatii jalqabee qormaanni yunivarsiitiiwwan mootummaa fi dhuunfaa keessatti hojiirra oolu karaa onlaayinii qoruuf karoorfamuusaa doktar Saamu’eel eeraniiru.

Kanaaf dhaabbileen barnoota olaanoo human bu’ura misoomaa isaanii gamanumaa mirkaneessuun qormaatichaaf qophii barbaachisu akka taasisan de’eetaan ministiraa kun hubachiisaniiru.

Hojii raawwachiisaan gaggeessaa dhimmoota akkaadaamiikii barumsa olaanaa Eebbaa Miijanaa (Doktar) gamasaaniitiin qorumsi yunivarsiitiidhaa ittiin bahamu qulqullina barnootaa eegsisuun alatti ga’umsa barattootaa fi dhaabbatichaa guddisuuf akka dandeessisu eeraniiru.

Dhaabbileen barumsa olaanaa mootummaa fi dhuunfaa hundi waltajjii marii kanarratti argamuunsaanii ibsameera.

Qophii qormaata yunivarsiitiidhaa ittiin bahamu ilaalchisee taasifamaa jiru, bu’ura misoomaa fi odeeffannoowwan eebifamtoota bara 2015 dhihaatanii  mariin taasifameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015