Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Origoon irratti atileetota injifannoo galmeessaniif kaartaa lafaa dabarsee kenne

144

Sadaasa 21/2015(TOI)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Origoon irratti atileetota injifannoo galmeessaniif kaartaa lafaa dabarsee kennuu Kantiibaan Magaalichaa Aadde Adaanach Abeebeen ibsan.

Aadde Adaanach ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Origoon irratti gootoota keenya abbaa injifannoo turaniif akkuma waadaa seenneef guyyaa har’aa kaartaa lafaa isaaniif kennamee dabarsinee laanneefii jirra jedhan.

Badhaasni kun jaalallii fi deeggarsi ummanni ispoortiif qabu injifannoo fi bu’aa caalmaaf akka isin cimsu gala hamilee akka isiniif ta’u ni amanna jedhan Aadde Adaanach ergaasaaniin.

Atileetoonni Itoophiyaa dorgommii maaraatooniif gara Ispeen Vaaleenshiyaa imalan Ityoophiyaa irra deebiin waltajjii idil-addunyaatti akka olkaasanii fi firii guddaa akka galmeessisaniif hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015