Ministeerri Maallaqaa sagantaa fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa 2ffaarratti mari’atame

122

Sadaasa 20/2015 (TOI) – Ministeerri Maallaqaa sagantaa fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa 2ffaa caalaatti haala bu’aa qabeessa taasiisuun danda’amurratti Ministeera Qonnaa fi Albuudaa waliin marii taasisuun himame.

Deetaan Ministira Maallaqaa dokatar Iyyoob Takkaaliny Ministira Qonnaa obbo Umar Huseeni fi Ministira Albuudaa Injinaar Taakkalaa Uumaa waliin mariyataniiri.

Deetaan Ministiricha waggoota sadan darban damee qonnaan hojii misooma jallisiin oomisha qamadiifi hojiiwwan milkaa'oo ashaaraa magariisaan hojjetaman gosoota oomishaalee biroonis milkaa'inni kun akkaataa itti argamu danda'urratti mariyachuun himameera.

Hojiin kun oomishaalee wabii midhaan nyaataa mirkaneesuuf gargaraan akkasuma gabaa biyya alaaf dhihaachuu danda'an haala itti babali'isuun danda'amurratti Ministira Qonnaa obbo Umar Huseen waliin mariyataniiru jedhameera.

Haaluma walfakatuun dameen hojii Albuudaa gahee jijjirama bu'uuraa oomisha Industirii irratti fiduu danda'urratti Minsistira Albuudaa Injinaar Taakkalaa Uumaa waliin mariyataniiru.

Albuudalee galteen itti dabalame gabaa alaaf dhiheesuun bali'inaan haala danda'amurrattis mariyachuu isaanii ragaa minsiteera Maallaqaarra argame ni muli'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015