Magaalaan keenya qulqulluu, miidhagduufi jiraatoota isheef mijattu akka taatuuf qulqullina aadaa haa godhannu - Aadde Adaanech Abeebee

440

Sadaasa 12/2015(TOI) - Magaalaan keenya qulqulluu, miidhagduufi jiraatoota isheef mijattu akka taatuuf qulqullina aadaa haa godhannu jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee.

Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Booleetti sagantaan sosochii qulqullina naannoo geggeeffameera.Sagantaa kanas kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee kutaa magaalaa Boolee aanaa 7 argamuun jalqabsiisaniiru.

Aadde Adaanech sagantaa kanarratti akka himanitti,magaalaan kan madaalamtuun haala mijataa jiraatoota isheef qabduufi qulqullina isheenii jedhaniiru.

Maatiin keenya seenaa ''Hidaar sitaaxaniin'' balfarratti duulanii balleessuun dhukkuba ofirraa ittisuuf qulqullinii gatii inni qabu nu barsiisaniiru jedhaniiru.

Lammiin hundi ammas yeroo yeroodhaan naannoo isaa qulqulleesuun gahee isaa bahuu akka qabu dhaamaniiru.

Guyyaa hara'aa sagantaa duula qulqullina naannoo kutaa magaalaa Booleetti geggeessineerratti balfa goggogaa dhabamsiisuuf adeemsa jiru ammayyeessuuf kan gargaaru meeshaa pilaastikaa bakka tokkotti sukkumuu danda'uu kan kalaqxootaan hojjetamee dargaggootaa gurmaa'aniif kennineera jedhuun karaa miidiyaa hawaasumaa isaanii ergaa dabarsaniin beeksisaniiru.

Gara fuula duraattis caalaatti haala ittiin balfa goggogaa dhabamsiifnu ammayyeessuun magaalaa keenya qulqulluufi jireenyaaf mijattu akka taatu hojii hojjechaa jirru cimsinee itti fufna jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015