Finfinneen hojii dhabamsiisaa balfa gogaa irratti hojjetteen dorgommii idil addunyaa injifateetti

137

Onkoloolessa 10/2015(TOI) - Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee sirna dhabamsiisaa balfa gogaa ammayyaa faalama qilleensaa hambisu diriirsuun hojii gaarii hojjeteen Foraamii kantiibootaa C40 irratti dorgommii idil addunyaa injifate

Badhaasicha Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Arjentiinaa Boonas Ayirasittii argamuun fuudhataniiru

Magaalaan Finfinnee Foramii Kantiibootaa Arjeentiinaa magaalaa Boonas Ayiraasitti onkololeessa 9- 11 ta'aamurratti sirna hojii balfa gogaa dhabamsiisuu karaa faalama qilleensaa qaqqabsiifneen diriirsuufi balfa gogaa deebisanii hojiirra oolchuun magaalaa magariisaa jireenyaaf mijattuu taasisuun muuxannoo gaarii hojechuun badhaafamteetti.

Bulchiinsi magaalichaa sirna dhabamsiisa balfaa gogaa faala qilleensaaf saaxilamee jijjiruun haalli balfi gogaa itti dhabamsiifamu jiruufi jireenya lammilee hudduu akka foyyeessuu taasisuu, Faala qillensaa xiqqeessuu, deebisanii hojiirra oolchuun magaalichatti xaa'oo oomishaa borootti oomishamuuf oolchuun akka muxaannoo gaariitti fudhatamuun badhaasaaf geesisuun himameera.

Foramiin Kantiiboota Magaalootaa C40 jedhamu faalama qilleensaa Karboondaayi Oksaayidiniifi magaaloota addunyaatti o'insi akka dabaluuf sababaa kan ta'e Giriin haawuus gaaz waliin ittisuuf magaaloonni gurguddoo addunyaa 100 kan hundaa'edha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015