Naannoon Kibbaa bara bajataa kana seeraafi dambiiwwan misooma bosonaafi Kununsa naannoo waliin walqabatanii bahan hojjirra oolchuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira

185

Onkoloolessa 10/2015(TOI) - Naannoo Kibbaatti bara bajataa haaraa kanatti dambiiwwaniifi seeroota misooma bosonaafi kununsa naannoo bahaanii jiran hojiirra oolchuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Biiroon Kununsa qabeenya umamaafi misooma Bosonaa beeksise.

Biirichi sosochii damee kanaa ilaalchisuun yaa'ii geggeesse yoo ta'u dhuma yaa'ii kanaarratti hogganaan biirichaa Daani'eel Daamxoo akka himanitti lammileen hunduu naannoo qulqulluufi jireenyaaf mijata jiraachuuf mirga akka qaban heera mootummaan tumameera.

Ta'uus garuu seerri kun hojiirra ooluu dhabuurraan kan ka'e balfi gogaafi dhangala'aa hawaasaan callifamee yoo gad dhiifamu muli'ata jedhaniiru.

Rakkoo kan furuuf biirichi bara darbe hawaasaaf hojii hubannoo cimsuu laachuu himaniiru.

Ta'uus garuu bu'aan barbaadamu ammas akka hin argamnee himanii, bara bajataa kana hojii misooma bosonaa fi kununsa naannoo waliiin qindeessuun dambiifi seeronni balfa dhabamsiisuuf bahan akka hojirra oolan xiyyeeffannoon hojjetama jedhaniiru.

Bara kana birichi hojii kana xiyyeeffannoon hojjechuuf akka karoorfatees himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015