Alaabaan keenya mallattoo biyyoota Afriikaa hedduuf ka’umsaa ta’uusaatti ni boonna – adde Alamtsahaay Phaawuloos

90

Onkoloolessa 07/ 2015 (TOI) Ibsituu birmadummaa Itiyoophiyaa kan ta’e alaabaan keenya mallattoo biyyoota Afriikaa hedduuf ka’umsa ta’uunsaa nu boonsa jedhuun waajjira ministira muummeetti de’eetaan ministiraa damee tajaajilootaafi hordoffii bulchiinsa gaarii Alamtsahaay Phaawuloos ibsan.

Hoggantoonniifi hojjettoonni waajjira ministira muummee guyyaa alaabaa waggaa 15ffaa mooraa waajjirichaatti kabajaniiru.

De’eetaan ministiraa damee tajaajilootaafi hordoffii bulchiinsa gaarii waajjirichaa Alamtsahaay Phaawuloos, alaabaan keenya ibsituu birmadummaa Itiyoophiyaati jedhaniiru.

Guyyaan alaabaa wayita yaadatamu utubaa birmadummaa Itiyoophiyaa fi ibsituu tokkummaa ta’uusaa sirriitti hubachuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Guyyaan yaadannoo kunis guyyaa tokko qofa yaadatamee kan darbu osoo hin ta’iin, mallattoo Itiyoophiyaan addababayii addunyaatti ittiin bakka buutu ta’ee akka itti fufu ibsaniiru.

Alaabaan Itiyoophiyaa biyyoota Afriikaa hedduuf aasxaa ka’umsaafi mallattoo waan ta’eef kabajaafi ulfina guddaatu nutti dhaga’ama jedhniiru.

Lammiileen Itiyoophuiyaas alaabaan biyya isaanii ol ka’ee akka mul’atu bakka hojjetanitti hojii bu’a qabeessa hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

 Birmadummaafi tokkummaa biyyaa fufsiisuun kan danda’amu hojii bakka hundatti hojjetamuun ta’uu eeranii, dame misoomaafi tajaajilaatti hojii bu’a qabeessa hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Itiyoophiyaan nagaashee kabachiiftee misoomashee itti fufsiiftee adeemsi badhaadhinaa jalqabde akka dhugoomu kaka’umsaan gumaacha taasisuun barbaachisaa akka ta’e hubachiisaniiru.

Sab daneessummaa Itiyoophiyaatti mul’atan akka faayaatti fayyadamuun ibsituu walitti hidhiinsaa gochuun itti fufsiisuu barbaachisa jedhaniiru,

Guyyaan alaabaa Itiyoophiyaa 15ffaan yaada  ”Alaabaan keenya ibsituu sabdaneessummaa, utubaa birmadummaa keenyaa” jedhuun guutuu biyyaatti kanajameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015