Alaabaa faajjii waldhaggeefgachuu, Mariyachuufi tokkummaa keenyaa godhachuu qabna

81

Onkoloolessa 7/2015(TOI) - Alaabaa faajjii waldhaggeefgachuu, Mariyachuufi tokkummaa keenyaa godhachuu qabna jedhan Pirezidaantiin FDRI Saah8ewariq Zawudee.

Guyyaan Alaabaa "Alaabaan keenya ibsituu sabdaneesummaa, utubaa birmadummaa keenyaati'' mata duree jedhuun sadarkaa biyyaalessaatti yeroo 15ffaaf kabajameera.

Guyyaan kun sadarkaa Federaalaatti mana maree bakka bu'oota uummataatti bakka Pirezidaanit Saahilewariq Zawudee argamanitti kabajameera.

Pirezidaanit Saahilewariq Zawudee wayita kana ergaa dabarsaniin Alaabaan biyya tokko kan biyyi tokko biyya biraa irraa adda ittiin baatufi mallattoo bilisummaafi birmadummaa ta'uu yaadachiisaniiru.

Alaabaan biyya tokko gaaddisa tokko jalatti kan walitti qabu waan ta'eef ta'uun Alaabaan Itoophiyaa faajjii waldhaggeefgachuu, Mariyachuufi tokkummaa keenyaa godhachuu qabna jedhaniiru.

"Kanaaf lammileen hunduu Alaabaa kabajaa maluuf taasisuun ittogaafatummaafi dirqama qaba" kedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015