Gibira Karaa Teelee Birrii Kafaluu Jalqabuun Sababoota Hojmaata Badaa Hir’isuuf Gargaareera- Biiroo Galiiwwanii Finfinnee

177

Onkoloolessa 1/2015/TOI/ Kafaltiin gibiraa karaa teelee birrii jalqabamuunsaa si’aayinaan keessummeessuu dandeessisuun alatti sababoota hojmaata badaa hir’isuuf akka gargaare biiroon galiiwwanii Finfinnee beeksise.

Itti gaafatamaan biiroo galiiwwanii Finfinnee Mulugeetaa Tafarraa, sirni kafaltii gibiraa karaa teelee birrii ta’uunsaa haala galii walitti qabuurratti jijjiirama guddaa fideera jedhaniiru.

Sirni kafaltii gibiraa haaraa yeroo qusachuudhaan si’aayinaan keessummeessuu akka dandeessise itti gaafatamaan kun dubbataniiru.

Biiroon kun kafaltoota gibiraa sadaraa “C”f hojmaata I-taaksii karaa adda ta’een gibira kafaluu itti danda’an diriirsuun akka tajaajilaman gochaa akka jiru dubbataniiru.

Keessumaa waggoota lamaan darban rakkoolee yeroofi sirnaan gibira kafaluuf mul’atan sirreessuuf tarkaanfileen fudhatamuusaanii ob. Mulugeetaan ibsaniiru.

Namoota gibira dhoksaniifi eyyama daldalaa osoo hin qabaatiin daldalan sirna gibiraatti akka galan gochuuf qooda fudhattoota biroo waliin qindoominaan hojjetamaa akka jiru himaniiru.

Sirna kafaltii gibiraa Adoolessa 1/2014 Teelee Birriin jalqabameen Finfinneetti kafaltoonni gibiraa kuma 300 ol gibira kafaluunsaanii beekameera.

Bara bajataa kana biiroon galiiwwanii Finfinnee baatilee lamaan Adoolessaa amma Qaam’eetti jiraniin gibira birrii biiliyoona 12 tuqaa 8 sassaabuuf karoorfatee karooraa ol birrii biiliyoona 14 tuqaa 2 sassaabuunsaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015