Hawaasni Keeniyaa Hawwata Turizimii Godina Baaleefi Misooma Qamadii Kilaastaraan Misoome Daaw'ate

116

Fulbaana 27/2015(TOI)-Hawaasni Keeniyaa Kabaja Ayyaana Irreechaatiif Gara Itoophiyaa Dhufe Hawwata Turizimii Godina Baaleefi Misooma Qamadii Kilaastaraan Misoome Daaw'ateera.

Hawwataalee turizimii godinicha keessatti argaman misoomsuun madda galii biyyaa akka tahaniif qooda fudhattoota waliin hojjatamaa jiraachuu bulchaan godinichaa himaniiru.

Jilli kun hawwatalee turizimii uumamaafi namtolchee beeksisuun cinaatti walitti dhufeenya obbolummaa hawaasa biyyoota lamaanii kan cimsu ta'uu bulchaan godina Baalee obbo Abdulhakiim Aliyyii dubbataniiru.

Hawaasni keeniyaa hawwataalee turiizimii paarkii gaarreewwan Baaleefi gaara Saannatee daaw’atan kennaa uumamaa dinqisiisoo arganitti  kan gammadan tahuu dubbataniiru.

Itoophiyaan hamma ibsamuu olitti kuufama qabeenya uumamaafi namtolchee akka qabdu daaw'annaa isaanii kanaan arguu ragaa bahaniiru.

Hawwataalee turizimii godinicha keessatti argaman misoomsuufi beeksisuun madda galii biyyaatiif akka oolaniif hojii guddaan kan eeggatu ta'uus daaw'attonni kunniin akeekaniiru.

Biyyattiin muxannoon qamadii kilaastaraan oomishtu biyyoota ollaatiifis fakkeenyummaafi muxannoo jabaa kan tahuudhas jedhan.

Jilli kun turtii isaa ayyaana irreechaattis ta'ee daaw'annaa godina Baaleetti taasiseen hawaasni keessummaa haala gaariin kan simatu tahuu taajjabuus kaasaniiru.

Daaw'anna kanarratti kan argamte bareedduun Oromiyaa bara 2015nii Hawwii Maatiwoos hawwataalee turizimii uumamaafi namtolchee Oromiyaan qabdu beeksisuun baay’inni turistootaa akka dabaluuf gahee isiirraa eegamu kan baatu tahuu dubbatteetti.

Hojii hawwattoota turizimii misoomsuufi beeksisuu keessatti qooda fudhattoonni hundinuu tumsuu akka qabanis gaafattee jirti.

Jila kanaan wajjiin hoggantoonni seektaraalee mootummaa federaalaafi naannoo akkasumas qooda fudhattoonni biroos argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015